aadde Alamtsahaay Phaawuloos hoospitaala fi buufata fayyaa Arbaa Mincii daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FBC) –Ministir Deettaan Ministeera fayyaa aadde Alamtsahaay Phaawuloos naannoo Kibbaa Godina Gaamootti hoospitaala fi buufata fayyaa Arbaa Mincii daawwatan.
Akkasumaas aadde Alamtsahaay giddugala yaalaa covid-19tti argamuun sochii hojii giddugalichaa ilaalaniiru.
Ministir Deettaan aadde Alamtsahaay Phaawuloos wayita daawwanichaa dhaabbanni yaalicha taajajila hawaasa naannichaaf laachaa jiruu fi hojii ittisaa fi to’annaa vaayrasii koroonaa taasisaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu himaniiru.
Hojjetoota giduugalichaas galateeffataniiru.
Akkasumaas hoggantoota hojii dhaabbatichaa waliin marii taasisaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment