Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hooggansa sadarkaa magaalaa hanga aanaa jiran waliin raawwii hojii gamaggamuun sosochii karoora guyyoota 90 yeroo itti aanuu eegalchiisuu ibsan.
Hojiilee hirmaannaa uummataan hojjetaman keessaa carraa hojii uumuu, qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuu, qonna magaalaafi maaddii guutuun hojii dursi kennamuuf ta’uu ibsaniiru.
“Cimina keenya itti fufsiisaa, qaawwa mul’atu duuchaa, waadaa seenne kabajnee uummata keenya ciminaan tajaajiluu itti fufna” jedhan fuula miidiyaa hawaadummaa isaanirratti.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.