Aadde Adaanech manneen kaafamtootaaf ijaaraman daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 18, 2017 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen jiraattota misooma koriidarii fi deebisanii misoomsuuf kaafamaniif manneen ijaaraman daawwataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Kaafamtoota misooma koriidariif manneen jireenyaa dabarfamuu jiraan bishaan, humna ibsaa, mana fincaanii fi bakki nyaatni itti bilcheeffamu kan ijaarameef, sheedota carraa hojiitiif uumuuf oolaan, buufata fayyaa, manneen daldalaa akkasumas manneen barnootaa dhiheenyatti kan qaban ta’uu ibsan.

Kunis araddaa jireenyaa oggaa ta’an manneen qorichaa fi daandiilee keessa keessaa hatattamaan xumuruuf hojjechaa jiraachuu kaasnaiiru.

Magaalaa Finfnnee naannawalee garaagaraatti araddaalee jireenyaa walfakkaatan qopheessuun misoomaaf naannoolee jireenyaasaanii irraa jiraattotaa kaafamaniif dabarsuurratti akka argamanis himaniiru.

Jiraattota deebisanii misoomsuuf hariiroon hawaasummaa isaanii osoo hinjeeqamaiin naannawaa tokkotti akka galan taasifamuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment