Aadde Adaanech manneen jireenyaa 140 qaama miidhamtootaafi harka qalleeyyiif ijaaraman dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) – Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen manneen jireenyaa 140 qaama miidhamtootaafi harka qalleeyyiif ijaaraman dabarsaniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Dhaabbatta Invaastimaantii Meedirook waliin ta’uun manneen jireenyaa qaama miidhamtootaafi harka qaleeyyif ijaaraan har’a fayyadamtoota kanneeniif dabarsaniiru.
Gamoon manneen jireenyaa abbaan darbii 8 lama Kutaa Magaalaa Lidataatti ijaaraman fayyadamtootaaf kennamaniiru.
Manneen kunniin qaama midhamtoota fi harka qalleeyyiif kennamuu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen fuula miidiyaa hawaasummaan isaaniin ibsaniiru.
Dabalataan warshaan tolchaa Buddeenaa, manni midhagina rifeensa dubartoota fi dhiiraa, bakki tursiisa daa’immaanii ijaarames eebbaf gahuus eeraniiru.
Comments (0)
Add Comment