Aadde Adaanech lammiileen misoomaaf kaafamaniif manneen jireenyaa kennan

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen misooma qarqara laggeeniif jiraattoota kaafamaniif manneen jireenyaa laataniiru.

Aadde Adaanecha miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, jiraattoot naannawaa Filuwaa, Kutaa Magaalaa Guullallee fi Araadaarraa sababa misoomaa fi misooma qarqara laggeeniin kaafaman 200’f mana kennaniiru.

Akkasumaas manneen waliin jireenyaa 525, abbootii qabiyyee dhuunfaaf beenyaa Birrii biiliyoona 1.1 fi lafa bakka bu’iinsaa hektaara 5.6 kennuu ibsaniiru.

Naannawaa qarqara laggeenii balfa goggogaa fi dhangala’aa warshaalee keessaa ba’aan waan faalamaniif fayyaa namaarraan miidhaa kan geessisan, wayita roobaa qabeenyaa fi namarraan midhaa kan geessisan ta’uu kaasaniiru.

Kana hambisuufis jireenya jiraattotaa baraaruuf akkataa waadaa galameetiin magaalaaa jireenyaaf mijattuu fi miidhagduu akkasumaas buufata hawwata tuuristootaa taasisuuf hojiin misooma qaraqara laggeenii Inxooxxoorraa hanga Paarkii Michummaa kiiloo meetiraa 5.5 dheeratu eegalamu akeekaniiru.

“Qabatamaan, rakkoolee jiraattota keenyaa sadarkaa sadarakaan furuun magaalaa hunduu fayyadamaa haqa qabeessaa itti ta’u ijaaruu itti fufna” jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment