Aadde Adaanech lammiilee sadarkaa jireenyaa gadaanaaf maaddii qoodan

Finfinnee, Mudde 28, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Qillee sababeeffachuun lammiilee sadarkaa jireenyaa gadaanaa keessatti argamaniif maaddii qoodaniiru.

Aadde Adaanech Giddugala Nyaataa Tasfa Birhaan naannawaa Qeeraatti argamuun maaddii qooduu TOI gabaaseera.

Giddugalli Nyaata Tasfaa Birhaan Finfinnee naannawaa Qeeraatti argamu guyyaatti namoota Kuma 2 ol nyaachisaa jiraachuun eerameera.

Magaalaa Finfinneetti Giddugala Nyaataa ijaaraman 20’tti guyyaatti lammiilee kuma 35’f tajaajila nyaataa kennaa jiraachuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment