Aadde Adaanech jiraattota naannawaa Filuwaatii sababa misoomaa laggeeniin kaafamaniif manneen ni dabarsu

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen jiraattota naannawaa Filuwaatii sababa misoomaa laggeeniin kaafamaniif har’a manneen ni dabarsu.

Haaluma kanaan misoomaa manneenii fi qarqaraa laggeeniin jiraattootaa Kutaa Magaalaa Guullallee, Araadaa fi Lidataarraa kaafamaniif manneen 200 ni kennama jedhameera.

Manneen kunneen Jiraattootaa lafaa hektaara 5.6rraa kaafamaniifkan qophaa’ee yoo ta’u beenyaan Birrii biiliyooa 1.1 kan kaffalamee ta’uufi jiraattonni kunneen manneen waliin jireenyaa ramadameefii ijaarsi manichaa xumuramee hanga mana isaaniitti galanitti kaffaltii mana kiraa baatiiwwan shanii Birrii miiliyoona 36.6 kaffalamuu ragaan Waajjiraa Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Bulchinsi magaalichaa akka ibsetti, Finfinneen kan buqqistu utuu hintaane jiraattotta hunda walqixa fayyadamtoota kan taasistudha.

Kana malees, kutaalee hawaasaa sadarkaa jireenyaa gadaanaarratti argaman deeggaruun naannawaa jireenyaa mijataa uumuurratti akka argamu beeksiseera.

Naannawaa jireenyaa bu’uuraalee misoomaa mijataa ijaaruun, qarqara laggeenii misoomsuun, magaalaa buufata tuuristootaa taatee ijaaruuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment