Aadde Adaanech jiraattota Magaala Finfinnee kuma 127 oliif sagantaa maaddii qoodan eegalchiisan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen jiraattota Magaalattii kuma 127 oliif sagantaa maaddii qooduu eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanecha gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin soomaa raamadaanaa sababeeffachuun jiraattoota kuma 127 oliif sagantaa maaddii qooduu jalqabsiisuu ibsan.

Mootummaan jijjiiramaa, hojiilee namarratti xiyyeeffatan, dhibbaa jireenyaa ummatootaa salphisanii fi aantummaa isaa qabatamaan mirkaneessuuf, hojiilee bal’aa hojjechuu ibsan.

Maaddii qofaa utuu hintaanes lammiileef kabaja fi jaalala qoodaa turuu yaadachiisaniiru.

Guyyaa har’aas Masjiidotaa Magaala Finfinnee argamanitti tamiira qoodamuu fi lammiilee sadakaa jireenyaa gadaanaa keessatti argamaniif maaddii qooduu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment