Aadde Adaanech ijaarsa manneen jireenyaa fi giddugala tolcha buddeenaa Birri miiliyoona 300 eegalchiisan

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015 (FBC)-Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee jiraatota sadarkaa jireenyaa gadaanaa keessa jiraniif, manneen jireenyaa fi giddugala tolcha budeenaa haadholii baasii Birri miiliyoona 300’n ijaaramu eegalchiisaniiru.

Giddugallichi Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Guullalleetti kan ijaaramu yoo ta’u giddugalichi manneen 100 kan qabuu fi baasiin ijaarsaa isaas Bulchiinsa Magaalaaa Finfinneen kan uwwifamuu ta’uun eerameera.

Ijaarsi giddugalichaas Birrii miiliyoona 300’n baatii ja’a keessatti xumuruun jiraattotaaf kan dabarfamu ta’uu ibsameera.

Maahileet Takilabirhaantu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment