Aadde Adaanech hoggantoota paartilee siyaasaa miseensoota mana maree waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hoggantoota paartilee siyaasaa miseensoota mana maree magaalattii waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, aadaansiyaasaa waloon hojjechuu paartii biyya bulchaa jiruu fi paartilee morkattootaa fooyya’aa fi dagaagaa dhufe daran cimsuun, bara kana waa’ee nageenya magaalattii, misoomaa fi aadaa siyaasaa dagaagsuu ilaalchisee mari’achuu kaasan.

Garaagarummaan siyaasaa jiraatus, aadaa walta’iinsaa eegalame cimsuun ajandaalee waloo irratti biyyaa waloof hojjechuu ammallee kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment