Aadde Adaanech giddugaloota gabaa oomishaalee qonnaa ijaarsi isaanii xumuramaa jiran daawwatan

Finfinnee, Hagayya 7, 2015(FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen giddugaloota gabaa oomishaalee qonnaa ijaarsi isaanii xumuramaa jiru daawwataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaanii “Giddugaloonni gabaa oomishaalee qonnaa ijaaramaa jiran, oomisha gara magaalaa keenyaatti akka seenan taasisuu fi fuuncaa seeraan ala walitti hidhamiinsa gabaa magaalaa keenya keessatti uumaman hambisuu cinaatti dhiibbaa jireenyaa salphisuu fi jiraattotaaf carraa hojii kan uumaniidha” jedhan.

Akkuma waadaa ummataaf galameen pirojektoota eegalamaniin teeknooloojiiwwan haaraa hojiirra oolchuun, yeroo qabame keessatti qulqullinaan xumuruu fi tajaajilaaf kan banaman ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment