Aadde Adaanech Giddugala gurgurtaa fi kuusaa oomisha qonnaa eebbisiisan

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Kaantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Qaammee 04 Guyyaa Oomishtummaa sababeeffachuun giddugalaa gurgurtaa fi kuusaa oomishaalee qonnaa kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti ijaarame eebbisiisan.

Giddugalichi baasii Birrii biiliyoona 1.45 oliin kan ijaarame ta’uun ibsameera.

Sirna ebbichaarratti Kaantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee qondaaltonni olaanoon magaalichaa biroon argamaniiru.

Giddugaliichi qala’iinsa gabaa tasgabbessuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf, qonnaan bultoota fayyadamoo taasiisuu fi teeknooloojiiwwan haaraa akka fayyadaman taasisuu, akkasumas oomishaalee qulqullina isaanii eeggatan gabaaf dhiyeessuuf akka ta’e eerameera.

Dabalataaniis lammiileef carraalee hojii uumuu fi gaaffilee hawaasaaf deebii quubsaa kennuuf bu’aan isaa olaanaa ta’uu Aadde Adaanech ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment