Aadde Adaanech Giddugala Diyaaginosii Suwiiz daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen giddugala Diyaaginosii Suwiiz daawwataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiya hawaasummaa isaaniin giddugalli wal’aansichaa tajaajiloota kennuu maddiitti galma Finfinnee giddugala tuuriizimii wal’aansaa taasisuuf qabame milkeessuuf kan tumsuudha jedhan.

Fuuldurattis, damichaarratti abbootii qabeenyaa hirmaatan deeggaruuf, biyya alaatti lammiilee tajaajila wal’aansaa argachuu hindandeenye tajaajila fooyya’aa akka argatan akkasumaas, sharafa alaa hambisuuf tattaaffiin taasifamuu kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment