Aadde Adaanech fi Dooktar Saamu’eel Kifleen Warshaa Buddeennaa Lamii daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)-Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi Pireezidaantii Eeggataan Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifleen walitti hidhamiinsaa gabaa uumuuf Warshaa Buddeenaa Lamii daawwataniiru.

Dooktar Saamu’eel Kifleen, Warshaan Buddeenaa Lamii walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi giddugalichi buddeena qulqullinaan oomishaa jiraachuu ibsanii fuulduratti walitti dhiheenyaan waloon hojjechuuf kaka’umsa jiru dubbataniiru.

Aadde Adaanech gamasaaniin, marii hadhoolii waliin taasisaniin, warshichi humna guutuun akka hojjetuuf bulchiinsa warshichaa cimsuun, walitti hidhamiinsi gabaa fooyya’aan akka jiraatuuf ni hojjetama jedhan.

Warshichi haaraa fi carraa hojii haadholiif uumuu isaan bu’aa qabeessa akka ta’uuf hordoffii kan taasisan ta’uu dubbachuu ragaan Waajjira Kantibaarrra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment