Federeeshiniiwwan idil addunyaa Aadde Adaanechiif beekkamtii kennan

Finfinnee, Hagayya 10, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti maarshaal aartii babal’isuun, bakkeewwan shaakala ispoortii fi ijaarsa giddugaloota ga’umsa dargaggootaaf gumaacha olaanaa taasisaniif Federeeshiniiwwan Idil Addunyaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeef beekkamtii kennan.

Federeeshiniiwwan Ispoortii Aadde Adaanechiif beekkamtii kennan akka beeksisanitti, misooma dorgommiiwwan ispoortii hojjetan cinaatti hojiilee tola ooltummaa Aadde Adaanech hojjechaa jiran kan deeggaraniidha.

Federeeshiniiwwan kunneenis ‘Federeeshinii fi Akkaadaamii Maarshaal Aartii Leejendi, ‘Federeeshinii Maarshaal Aartii Kombaasiit’, ‘Federeeshini Piroo Teekwaandoo Idil Addunyaa fi Federeeshinii Teekwaandoo Huungi ta’uun ibsameera.

Badhaasni kennameefis Daanii Kabajaa 7ffaa, waraqaa galataa fi badhaasa meedaaliyaa ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Aadde Adaanech, beekkamtii kennameef galateeffatanii, ijaarsa ga’umsa dargaggootaarratti hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment