Aadde Adaanech Dura Taa’aa Kongirasii Bulchiinsa Magaalaa Choonchiin waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Dura Taa’aa Kongirasii Bulchiinsa Magaalaa Choonchiin Zhiwoo Shiichiingi waliin hariiroo gamlamee haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Wayita marichaatti, Zhiwoo Shiichiingi fi jilli isaanii Finfinneen magaalota Chaayinaa hedduu waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Magaalaan Finfinnee Magaalaa Choonchiin waliin waliigaltee obbolummaa akka mallatteessituu fi hariiroo jiru daran akka cimuuf fedhii qabaachuu ibsuu Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Magaalonni kunneen walta’iinsa diinagdee, ce’umsa teeknooloojii, ogummaa, carraa barnoota bilisaa, akksumas dameewwan aadaa fi tuuriizimii irratti waliigaltee mallatteessuuf qophii ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment