Finfinnee, Mudde 25, 2017 (FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Chaayinaatti Bulchaa Bulchiinsa Jiyaangisuu Shuu Kuunliin waliin mari’ataniiru.
Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Shuu Kuunliin baatii Sadaasa keessa wayita Finfinneetti daawwannaa taasisan, bulchiinsa Jiyaangisuu akka daawwataniif afeerraa taasisuu yaadachiisaniiru.
Bulchiinsichatti daawwannaa taasisaa jiraachuu kaasanii, wayita daawwannichaattis bulchaa bulchiinsichaa fi hoggantoota waliin dhimmoota gamlameerratti mari’achuu himaniiru.
Fuuldurattis dameewwan investimantii, daldalaa, tuuriizimii, barnootaa fi leenjii teekinikaa fi ogummaa irratti hariiroo jiru cimsuu fi walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia