Aadde Adaanech Barsiisota dhaabbata leenjii barsiisotaa Asallaa fi Dabra Birhaanitti leenji’aa turan kuma 2 ol eebbisiisan

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2016 (FBC) – Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Barsiisota dhaabbata leenjii barsiisotaa Asallaa fi Dabra Birhaanitti Afaan Oromoo fi Amaaraan sagantaa Dippiloomaan leenji’aa turan kuma 2 ol eebbisiisaniiru.

Barsiisota sadarkaa 1ffaa idileen duraa kuma 2 fi 27 har’a Yaadannoo Injifannoo Adwaatti eebbisiisuu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Kan har’a eebbifaman dabalatee marsaa 2’n barsiisoonni kumni 3 fi 685 eebbifamuu gara hojiitti galuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment