Aadde Adaanech balaa sigiga lafaa Godina Goofaan miidhaa qaqqabeen gadda isaanii ibsan

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen balaa sigiga lafaa Godina Goofaan miidhaa qaqqabeen gadda isaaniitti dhaga’ame ibsaniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, sababa balaa sigaga lafaa lammiilee Godina Goofaatti argamanirra qaqqabeen gadda isaanii ibsanii, maatii lammiilee miidhaamaniif jajjabina hawwaniiru.

Fuuldurattis bulchiinsa mootummaa naannichaa waliin ta’uun deeggarsa barbaachisaa akka taasisan eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment