Aadde Adaanech Baankii Addunyaatti Daayrektara Itiyoophiyaa, ertiraa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Baankii Addunyaatti Daayrektara Itiyoophiyaa, Ertiraa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan Osmaan Diyoon waliin mari’atan.

Marii isaaniinis, haala pirojektoonni magaalattiitti hojjetaman kanneen baankichaan deeggaraman saffisaa fi qulqullinaan xumuruun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dabalataan deeggarsa teekinikaa waaraa taasisuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’atan.

Osmaan Diyoon gama isaaniin, Itiyoophiyaatti keessumaa Magaalaa Finfinnetti hojiilee misoomaa hojjetaman baankiin isaanii deeggaraa akka jiru eeruun, deeggarsichis itti fufiinsa akka qabaatu waadaa galaniiru.

Deeggarsa Baankiin Addunyaa misooma magaalattiitti gaggeeffamaniif taasisaa jiruuf Aadde Adaanech Abeebeen galateeffataniiru.

Osmaan Diyoon turtii isaaniin Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwachuu Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment