Aadde Adaanech Abeebeenii fi Aadde Daagmaawit Mogas rakkoo geejjibaa magaalaa Finfinneerratti waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeenii fi Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Aadde Daagmaawit Mogas rakkoo fi furmaatawwan geejjibaa magaalaa Finfinneerratti waliin mari’atan.

Mariisaaniin rakkoolee geejjibaa magaalichaa furuuf filannoowwan yeroo gabaabaa fi dheeraarratti iddoo bakka bu’oonni bulchiinsa magaalichaa fi ministeerichaa argamanitti mar’achuu eerameera.

Hanqina geejjibaa yeroo ammaa jiru hambisuuf yeroodhaaf Awutoobisoonni paabilik sarvisii gara bobbii geejjibaatti akka galaniif waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Awutoobisoonni deeggarsa laatanis qaama furmaatichaa akka ta’an ibsamuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment