Finfinnee, Waxabajjii 14,2015 (FBC)- Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen mata duree “Daa’imman Abdii Borii Finfinneef” jedhuun sosochii misooma daa’imummaa jalqabsiisaaniiru.
Aadde Adaanech, jijjiirama Ityoophiyaa mirkanneessuuf sagantaa sosochiin misooma daa’imummaaf hojiileen qophii duraa xumuramuu kaasaniiru.
Hojiira oolmaa sagantichaaf sosochiin kunis sadarakaa magalaattiitti guyyaa har’a eegaluu Aadde Adaaneech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Sagantichi daa’immaan yeroo ulfaa irraa eegalee hanga umrii waggaa 6 irratti kan xiyyeeffatu ta’uu eeraniiru.
Haaluma kanaan sosochiin misooma da’immanii kun cabiinsa akka biyyatti mudate bu’uuraa irraa furuuf umurii da’immaan kanneenitti cimsinee hojjechuu qabna jedhan.
Hojiilee qorannoo fi qo’annoo barnoota sadarkaa 1ffaa ce’uu irratti xiyyeeffate hojjechuuf Yuunivarsiitii Finfinnee waliin sanada waliigaltee mallatteessuu ibsaniiru.
Akka Bulchiinsa magaalichaatti damichaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun ‘’Daa’immaan Abdii Boruu Finfinneef‘’ jedhuun sagantaa bocuun hojiitti seenamuu Aadde Adaanech beeksisaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.