Aadde Adaanech Abeebeen Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Dhaabbata Magaalota C40 Waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Dhaabbata Magaalota C40 Maarki Waatis waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Fooramii magaalota addunyaa Singaapooritti adeemsifamaa jiru cinaatti hoji raawwachiisaa olaanaa dhaabbata magaalota C40 kan ta’an Maarki Waatis waliin dhimmoota tumsa magaalaa Finfinnee fi C40 gidduu jiru gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisu irratti mari’ataniiru.

Dhabamsiisa balfa goggogaa fi deebisanii fayyadamuu, hojiilee misooma magariisaa babal’isuun akkasumas iddoolee itti fayyadama waloo uummataa ijaaruu irratti tumsa eegalame guddisuu dabalatee ajandaawwan wal fakkaatan irratti kallattiiwwan fuulduratti waliin hojjachuun danda’amurratti mari’achuu himan.

Bara Faranjootaa 2007 irraa eegalee Magaalaan Finfinnee dhaabbata magaalota C40tti miseensa ta’uu yaadachiisanii, yeroowwan darbanitti deeggarsa faayinaansii, teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii garaagaraa magaalattiif taasisaa turuu Aadde Adaanech kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment