Aadde Adaanech Abeebee, mana jireenyaa waliinii Dhaabbatni daldala waliigalaa Tiraakoon Birrii biiliyoona 2.6 oliin Ijaarsise eebbisaniiru

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2013 (FBC) -Itti Aantuu Kantiibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee, mana jireenyaa waliinii Dhaabbatni daldala waliigalaa Tiraakoon Birrii biiliyoona 2.6 oliin Ijaarsise eebbisaniiru.
Hundeessaan, Abbaan qabeenyaa fi Hojii raawwachiisaan Dhaabbatichaa obbo Umar Alii , manneen Jireenyaa waliinii Birri Biliyoona 2.6n ijaaramaa jiran keessaa gamoowwan 8 fi manneen jireenyaa 224 xumuramanii namoota rakkoo manaa jireenyaa qabaniif gatii madaalawaan gurguramanii tajaajila kennuu eegaluusaanii himaniiru.
Aadde Adaanaach magaalaa Finfinneetti fedhii fi dhiheessi mana jireenyaa wal madaaluu dhabuun jiraattoota rakoof saaxilaa jiraachuun nibeekkamajedhaniiru.
Rakkoo kana furuuf Mootummaan warra galii gadi aanaa qabaniif manneen waliinii, kanneen humna qabaniif ammoo seektarri dhuunfaa misooma Riil isteetiin rakkoo kana furuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbanni daldalaa waliigalaa Tiraakoon lafa kennameef haalaan, qulqullinaafi saffisaan misoomsuun faayidaa lammiileetiif akka oolu taasiseera.
Jijjiiramnii fi milkaa’inni ifaajjii, dadhabbii fi waldeeggaruun malee hin dhufu waan ta’eef abbootiin qabeenyaa biyyaa fi magaalaa Finfinnee misoomsuuf bobbaa’an faayidaan hojii keessanii gam-baay’ee ta’uu hubattanii akka dhaabbata daldalaa waliigalaa Tiraakoon hojii bu’a qabeessa warra hojjatan irraa barachuun miira biyyaa fi ummata jaalachuutiin akka jabaattan jechaa, bulchiinsi magaalichaas waan danda’u hundaan akka isin deeggaru mirkaneessuun barbaada jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment