Aadde Adaanachii fi preezdaantiin naannoo Gaambeellaa ergaa baga geessanii dabarsan

 

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi preezdaantiin naannoo Gaambeella obbo Uumad Ujuluun ergaa baga geessanii ayyaana Qillee dabarsan.

Aadde Adaanachi hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa magaalaa Finfinnee, kutaa biyyattii fi guutuu addunyaarra jiraataan maran baga guyyaa ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin nagaan isin ga’e jedhan.

Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Uumad Ujuluunis hawaasni Kiristiyaanaa wayita ayyaana kana kabajuu walgargaaruu fi waldeeggaruu ta’uu akka qabu gaafataniiru.

Hoggantoonni lameen ummanni wayita ayyaan kana kabaju weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo barbaachisu taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment