Aadde Adaanachi magaalaa Samaraa galan

Finfinnee, Fulbaana 10, 2013 (FBC) – Itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee lammiilee balaa lolaan miidhaman deeggaruuf naannoo Afaar magaalaa Samaraa galan.
 
Aadde Adaanach wayita buufaata Xiyyaaraa Samaraa Suulxaan Aliimiraahi Hanfaree ga’an Preezdaantii naannoo Afaar obbo Awaal Arbaa dabalatee hoggantoota olaanoo naannichaan simaatamaniiru.
 
Balaa lolaa naannichaatti qaqqabeen lammiilee miidhaniif deeggarsa taasisuuf kaabineen magaalaa Finfinnee meeshaalee Birrii miiliyoona 10, maallaqaa miilyoona 2  murteessuu aadde Adaanach ibsuu isaanii ragaan Waajjira Prees Seekreetariyaatii magaalichaarraa argame ni muu’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment