Aadde Adaanachi Abeebee hojjettoota dhaabbilee waamamtootaa waliin biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2012 (FCB) – Haati Alangaa Waliigaa aadde Adaanachi Abeebee hojjetota dhaabbilee waamamtootaa 6 waliin biqiltuu dhaaban.
 
Godina Addaa naannawaa Finfinnee magaalaa Sabbataa gaara Dabalirratti biqiltuu dhaabaniiru.
 
Gaara kanarratti waggoottaan 6 darbaniif Waldaan Misooma Oromiyaa biqiltuu dhaabuun kunuunsaa tureera.
 
Gaarichis yeroo ammaa gara magariisaatti jijjiirramaa jiraachuu ibsameera.
 
Bara kana gaaricharratti biqiltuu kuma 60 dhaabuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aa biqiltuun kumni 1 ol dhaabbateera.
 
Sirnicha kan eegalchiisan Haati Alangaa Waliigalaa aadde Adaanachi Abeebee, misoomni magaariisaa misooma itti fufiinsaaf murteessaa waan ta’eef qaamni hundi cimnee hojjechuu qabna jedhan
 
Gaarichatti biqiltuun kanaan dura dhaabbate % 90 latuu ibsameera.
 
Dhaabbileen kun biqiltuu guyyaa har’aa dhaabaan kunuunsuu akka qaban sirnicharratti ibsameera.
 
Koomishiniin Manneen Sirreessaa Federaalaa naannichaatti dawoo eeggumsaa ijaaruuf waadaa galeera.
 
Maddi:-TOI
Comments (0)
Add Comment