Aadde Adaanachi Abeebee hawaasa daldalaa magaalaa Finfinnee waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee hawaasa daldalaa magaalichaa waliin mara’ataniiru.
 
Aadde Adaanachi,maricha irratti bara haaraa miira tokkummaa fi walgargaaruun simachuun akka barbaachisu ibsuun, hawwasni daldalaa ga’ee isaa gumaachuu akka qabu gaafataniiru.
 
Hawaasni daldalaa nyaata barattootaa, mana harka qalleeyyi haaromsuu, Maaddii shaggarii fi Hidha Haaromsa Guddicharratti hirmaannaa hoo’aa taasiisaniif galateefaniiru.
 
Bulchiinsi magaalichaa manneen barnootaa 241 keessatti galma nyaataa fi walga’ii ijaaraa jiraachuu, barattoota shamarraniif meeshaalee qulqullinaa fi marsaa laguu rabsaa jiraachuu, barattoota kuma dhibba 6f uffatta seeraa qopheessuuf hojjechaa jiraachuu aadde Adaanachi dubbataniiru.
 
Barattoota kuma dhibba 4f tajaajilli nyaata madaallawaa dhiyeechaa akka jiruu fi sagantaa barataa tokkoof kophee tokko jedhuun barattoota kuma dhibba 6 fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiras jedhan.
 
Hawaasni daldalaa akkuma barame hojiilee misooma hunda galeessa keessatti hirmaannaa taasisaa jiran cimsanii itti fufuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
 
Karoora bulchiinsi magaalichaa raawwachuuf karoorfate ilaalchisee gaaffilee ka’aniif deebii kan laatan aadde Adaanachi gaaffii misoomaa hawaasa daldalaa irraa ka’u sadarkaa sadarkaan furuuf kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment