Aadde Adaanach qaamoolee ayyaanni Irreechaa hora Finfinnee nagaan akka kabajamuu taasisan galateeffatan

Finfinnee, Fulbaana 23, 2013 (FBC)- Itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee irreechi Hora Finfinnee haala duudhaa fi sirna isaa eegeen karaa nagatiin kabajamee xumuramee jira jedhan.

Aadde Adaanach,ayyaanichi duudhaa isaa eegee akka xumuramuuf ummanni, Foollee fi Abbootiin Gadaa tumsi keessan olaanaa waan ta’eef galanni keessan guddaadha jedhaniiru.

Jiraattoonni Magaalaa Finfinnee hojii qindoomina olaanaan humna nageenyaa waliin ta’uun qaamoolee Irreecha jeequuf turan fashaleessuuf hojii hojjettaniif galatoomaa jedhaniiru.

Horrii Finfinnee nagaan xumuurameera jechuun kan Harsadeetiis akka milkaa’uuf, hunduu tumsuu qabas dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment