Aadde Adaanach qaamolee Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaan akka kabajamu ga’ee isaanii ba’an galateeffatan

Finfinnee, Amajjii 11, 2014 (FBC) – Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee qaamolee Ayyaanni Cuuphaa akkaataa duudhaa isaa eegee fi karaa nagaan akka kabajamu ga’ee isaanii ba’an galateeffataniiru.

Aadde Adaanach Ayyaanni Cuuphaa baranaa karaa barsiifata amantaa fi duudhaalee hawaasummaa isaa eegeen kabajamuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Jiraattoonni magaalaa Finfinnee ayyaanichi bifa hoo’aa ta’een akka kabajamu tattaaffii taasiisaniif galateeffataniiru.

Finfinnees ta’ee kutaalee biyyattii garaagaraatti Ayyaanni Cuuphaa haala hoo’aa fi bareedaa ta’een akka kabajamu hirmaannaa ummataa dinqisiifataniiru.

Deeggarsa Abbootiin Amantaa, Qaamoleen nageenyaa, dargaggoonni, hoggantoonnii fi jiraattoonni magaalicha taasiisan hunda galateeffataniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment