Aadde Adaanach Piroojektoota misoomaa hojjetamaa jiran daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2016 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Piroojektoota misoomaa hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Giddu gala Geejjibaa Ammayyaa, Bakka dhaabbii Konkolaattootaa Eekkaa, fi Giddugala Konveenshinii Afrikaa daawwachuu isaanii Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Giddu galli Geejjibaa Ammayyaa % 63, Bakki dhaabbii Konkolaattootaa Eekkaa % 66, fi Giddugalli Konveenshinii Afrikaa % 85 irra ga’uu ibsaniiru.

Ijaarsi Piroojektootaa qulqullinaa fi yeroo jedhame keessatti ijaaramanii akka xumuraman hordoffii taasiisuun magaalaa jireenyaaf mijjettuu taate ijaaruun cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment