Aadde Adaanach piroojektii bishaan dhugaatii hawaasa miiliyoona walakkaa ol fayyadamoo taasiisu eebbisiisan 

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC) –Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen piroojektii bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa miiliyoona walakkaa ol fayyadamoo taasiisu eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.

Piroojektichi guyyaan Bishaan meetir kiyuubii kuma 67 ol maddisiisuu kan danda’u yoo ta’uu, boolla gadi fagoo 25 qaba jedhameera.

Hamma bishaan qulqulluu magaalichaa gara meetir kiyuubii kuma 792tti kan ol guddisu ta’uus eerameera.

Bishaan maddisiisuu fi raabsuun ala hawaasni bishaan qulqulluu nageenyummaan isaa mirkanaa’e akka argatu Laabiraatooriin tajaajila Bishaanii fi dhanga’aa qophaa’uu ragaan waajjira kantibaarraa argame ni mul’isa..

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara ttps://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment