Aadde Adaanach maatii artiist Hacaaluuf manneen waliinii 40/60 ijarramaa jiran keessa kaartaa laataniif

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC)-Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee maatii artiist Hacaaluu Hundeessaaf manneen waliinii 40/60 ijarramaa jiran keessaa kaartaa laataniifiru.

Aadde Adaanach, Arsiist Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22, 2012 wareegameef siidaa yaadannoo isaa ijaaruuf dhakaan bu’uuraa kaa’ameen siidichi akkaataa ariitiin ijaaramuu danda’uu fi yaadasaarratti maatiisaa waliin mari’achuu ibsaniiru.

Maatiin Hacaaluu mana kiraa keessatti iddoo adda addaatti faffaca’anii waan jiraatanii haala jireenya isaanii hubbachuun manneen waliinii 40/60 ijaaramaa jiran keessa kaartaa mana jireenyaa kennaniifiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment