Aadde Adaanach lammiilee Ityoophiyaa Ameerikaa jiraatan waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2015 (FBC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen dhalattootaa fi lammiilee Ityoophiyaa Ameerikaa Waashiingitan DC fi naannawaa ishee jiraatan waliin dhimmoota haala yeroorratti mari’ataniiru.

Dhalattootaa fi lammiilee Ityoophiyaa hojii Invastimantii fi Biznasiirraati bobba’an waliin mari’ataniiru.

Diyaaspoorawwan tattaaffii qormaatilee fi injifannoowwan argaman ceesiisuuf taasiifame keessatti qooda olaanaa qabaachuu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Ammas Finfinneen giddugalummaa dipilomaasii garasitti jiraattotaaf mijattuu fi akkuma maqaa ishee haaraa taasisuuf tattaaffii invastimantii, ijaarsa manneen jireenyaa, daldala, saayinsii fi teeknoolojii, ce’umsa beekumsaan, tuuriizimii fayyaa magaalattiif karoora qabame milkeessuurratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessnaiiru.

Miseensonni diyaaspooraas sochii biyyattiin gamaa hundaan taasisaa jirtuun jijjiirama dhufetti gammadoo ta’uu ibsanii, waamicha Kantiibaa Adaanech fudhachuun dhimma biyyaarratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu beeksisaniiru.

Ta’us, gara biyyaatti wayita dhufan hojmaata badaa isaan mudatu mootummaan akka hambisuuf gaafachuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaala Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Kantiibaa Adaanechis rakkoolee kanneen furuuf hojmaata ijaaruu fi cimsuun akka barbaachisu ibsuun kunis kallatti xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment