Aadde Adaanach Koollejjii Raayyaa Ittisaatti argamuun Miseensota Raayyaa Ittisaa duula birmadummaarratti miidhaman daawwataniiru

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Koollejjii Raayyaa Ittisaatti argamuun Miseensota Raayyaa Ittisaa duula birmadummaarratti miidhaman daawwataniiru.

Miseensota kanneeniif Midhaan nyaataa, meeshaalee yaalaa fi uffataalee garaagaraa deeggarsa taasiisaniiru.

Aadde Adaanach Jiraattoonni magaalichaa gootoota duula birmadummaa biyyaarratti miidhaman kanneen daawwachuun deeggarsa taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Ogeeyyiin yaalaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa fi Kutaa maggalaa Nifaas Silk Laaftoorraa walitti babba’an deeggarsa tajaajila yaalaa kennaa jiraachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment