Aadde Adaanach Kantiibaa magaalaa Shaangay waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Kantiibaa magaalaa Shaangaay Goong Zeeng waliin mari’ataniiru.

Hariiroo magaalaa Finfinnee fi Shaangaay gidduu jiru caalmaatti cimsuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Dameewwan Faayinaansii, Daldalaa, Teeknooloojii fi oomishaan magaalaa beekkamtu Shaangaay waliin tumsaan hojjechuuf hariiroo ummataa caalmaatti cimsuuf marii taasiisuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Fayyadamummaa waloo magaaloota lamaanii mirkaneessuuf tumsaan hojjechuuf murannoon jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Shaangaay Goong Zeeng ibsaniiru.

Yeroo itti aanu dhimmoota Daldalaa, Turizimii, Invastimantii, Teeknooloojii, ijaarsa dandeettii, hariiroo ummataa fi kanneen biroorratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu isaanii himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment