Aadde Adaanach Ityoophiyaatti ambaasaaddara Isiraa’eel waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Ityoophiyaatti ambaasaaddara Isiraa’eel Raafaa’eel Mooroov waliin mari’ataniiru.
Haala hariiroo barnootaa, dippiloomaasii, Invastimantii, Aadaa fi obbolummaa magaalota biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.
Aadde Adaanach hariiroo Ityoophiyaa fi Isiraa’eel gidduu jiru caalmaatti cimsuuf tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Raafaa’eel Mooroov gama isaaniin hariiroo Ityoophiyaa fi Isiraa’eel bara dheeraa ture dinqisiifachuun yeroo itti aanuus tumsaan hojjechuuf fedhii cimaa qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment