Aadde Adaanach ijaarsa proojektii daandiwwanii Kiiloo Meetira 49 uwwisu ifatti eegalchiisan

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC)- Itti aantuun kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ijaarsa proojektii daandiwwanii 5 Kiiloo Meetira 49 uwwisu ifatti eegalchiisan.

 

Sagantaa kana irratti itti aantuu kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Af yaa’iin Mana Maree magaalichaa aadde Zarfeshawaal Niguusee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

 

Proojektoota kanneen keessaa 4 manneen jireenyaa waliinii Kooyyee faccee fi Tulluu Diimtuu keessatta kan ijaarraman yoo ta’u, inni tokko daandii CMC gara Gooroo fudhaturratti kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

 

Proojektoonni kunneen Birrii biiliyoona 2.6 kan hojjetaman ta’uu daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinnee Injiinara Mogas Xibabuu ibsaniiru.

 

Waliigala Kiiloo Meetira 49 kan uwwisan yoo ta’u Meetira 15 -40 bal’ina ni qabaatu jedhame.
Ijaarsi isaas waggaa tokkoo fi baatii 7 hanga waggaa lamaa keessatti xumuramuun tajaajilaaf kan oolan ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment