Aadde Adaanach iddoolee balaa lolaan miidhaman daawwatan

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee iddoolee balaan lolaa jiraattootaa fi qabeenyarra miidha qaqqabsiise daawwataniiru.

Aadde Adaanach ganama har’aa iddoolee balaan kun qaqqabe hoggantoota mootummaa olaanoo biroo waliin ta’uun daawwataniiru.

Ragaa hanga ammaatti jiruun lubbuun namoota 7 darbuu ibsameera.

Lammiileen miidhaan irra qaqqabe gara dhaabbilee yaala Fayyaa fudhatmuu fi kanneen hafan ammo hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jiraachuu himameera.

Namoota miidhaan kanneen waaraan dhaabuuf bulchiinsa magaalaa Finfinnee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Balaan kana fakkaatu waqtii gannaa akka hin muudanneef bulchiinsi magaalichaa iddoolee saaxilamoo ta’an adda baasuun kan hojjetu AMN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment