Aadde Adaanach hojjettoota gadi jedhanii hawaasa isaanii tajaajilan galateeffatan

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) –  Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee guyyaa tajaajiltummaa sababeeffachuun hojjettoota gadi jedhanii hawaasa isaanii tajaajilan galateeffataniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee guyyaa Tajaajiltummaa Qaammee 2  ‘Tajaajiluun Kabaja’ mata duree jedhuun qophii garaagaraan kabajaa jira.

Aadde Adaanachi hojjettoota Qulqullinaa, Ittisa Balaa Ibiddaa, Poolisoota fi seera kabachiiftoota gadi jedhanii hawaasa tajaajilan galateeffataniiru.

Tajaajiluun kabaja, biyya ofii haqummaa fi amanamummaan tajaajiluun ammo kabaja kabaja caalu ta’uu ibsaniiru.

Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee bara haara wayita simannu magaalaa keenya qulqulleessaa ilaalcha badaarraa qulqullaa’uun sammuu qulqulluun tajaajiluu qabna jedhaniiru.

Aadde Adaanach qaamolee kanneeniif  kennaa Sangaa qalmaa, Lukkuu, Killee fi Zayita nyaataa ayyaana bara haaraaf gumaachaniiru.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment