Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen hoggantoota giddu gala seenaa, Hambaalee fi Barnootaa Ummattoota Gurraachaa waliin mari’ataniiru.
Haala giddu gala seenaa, Hambaalee fi Barnootaa Ummattoota Gurraachaa ijaaruun danda’amurratti mari’achuu isaanii Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Ityoophiyaan Afrikaanoonnii fi ummattoonni Gurraachaa bittaa gabrummaa jalaa akka bilisooman, dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa yookaa Gamtaan Afrikaa yeroo ammaa akka hundaa’u qooda olaanaa ba’uu ishee eeraniiru.
Dhaabbatichi Ijaarsa giddu galaa Magaalaa Finfinneetti gaggeessuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsa barbachiisu hunda kan taasiisu ta’uu eeraniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.