Aadde Adaanach haala waqtaawaa biyyaarratti Abbootii Amantaa, Jaarsolii Biyyaa fi namoota bebbeekamoo waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC)-Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee haala waqtaawaa biyyaarratti abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi namoota dhuunfa bebbeekamoo waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanach Fuula Feeskuu isaaniin akka ibsanitti, akka biyyatti waraanaa dirqamnee itti seenee yeroo gabaaba keessaatti injifannoo xumuruun injifattumma uffannee misooma waloon eegalleerratti xiyyeeffachuu qabna jedhaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT bu’uuraalee misoomaa, manneen barnootaa fi buufatalee fayyaa barbadeessee deebisaanii dhaabuuf tattaaffii taasifamuu deeggaruurratti akka hirmaataniifi diinagdee miidhamee ijaaruuf hundi keenyaa gahee keenya bahaachuu qabna jedhaniiru.

Hirmaattoonni waltajjichaas Itti gaafatamuummaa nurraa eegamuu ba’uufis ammarraa kaanee qophii taa’uu keenyaa ni mirkaneessiina jedhaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment