Aadde Adaanach Gulalleetti kenniinsa tajaajila galmeessa ragaalee bu’uuraa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee kutaa magaalaa Gulallee aanaa 9tti argamuun kenniinsa ashaaraa waraqaa eenyumma jiraattootaa fi tajaajila galmeessa ragaalee bu’uuraa daawwataniiru.

Dabalataniis Af Yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee aadde Zarfeshuuwaal Niguuseef ashaaraan waraqaa enyummaa jireenyaa laatameeraf.

Magaalaa Finfinneetti Eejansii galmeessa ragaalee bu’uuraatti argamuunis haala keenninsaa tajaajilaa galmeessaa ragaalee bu’uuraa daawwataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment