Aadde Adaanach dureewwan amantaalee waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen dureewwan amantaalee hundaa fi hoggantoota Gumii Dhaabbilee amantaa waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanach galgala kana dureewwan amantaalee hundaa fi hoggantoota Gumii Dhaabbilee amantaa waliin marii bu’aa qabeessa taasisuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Nagaa jabeessuun gara kuteessummaan wal tumsinee hojjachuu akka qabnu waliif galleerra jedhan.

Walitti dhufeenya fi walta’insa amantaa gidduu jiru cimsuun nagaa jabeessuutti dabalataan misoomaafis baay’ee barbaachisaa ta’uu isaatiin cimsinee kan itti fufnu ta’a jechuun ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment