Aadde Adaanach barsiisota bulchiinsa magaalichaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 8, 2015 (FBC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen barsiisota manneen barnootaa magaalichaa keessa walitti babba’an waliin mari’ataniiru.

Itti gaafatamtootaa, itti aantootaa fi supparvaayizaroota manneen barnootaa waliin mari’ataniiru.

Hawaasa manneen barnootaa kanneen waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu isaanii Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Manneen barnoota mootummaa magaalichatti argaman 557 keessaa manneen barnootaa 18 keessatti jeequmsi uumamuu ibsaniiru.

Jeequmsichi qabeenyaa fi lubbuu namaarra miidhaa cimaa osoo hin qaqqabsiisiin to’achuun danda’amuu dubbataniiru.

Yeroo itti aanu adeemsi baruu fi barsiisuu tasgabbii fi nagaan akka itti fufu xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu qaamooleen waltajjicharratti hirmaatan mirkaneessuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment