Aadde Adaanach barattoota qoramaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhataa jiran jajjabeessan

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Mana Barumsa Bultii Addaa Shamarranii Iteegee Mananitti argamuun adeemsa qormaata biyyaleessaa kutaa 12ffaa daawwataniiru.
Guyyaa dubartootaa idil addunyaa sababeeffachuun barattoota shamarranii qoramaata kutaa 12ffaa fudhachaa jiran daawwachuu kootti daraan gammadeera jedhan aadde Adaanach.
Barattoonni shamarraanii mana barumsa bultii addaa kanatti baratan dubartoota ta’uu isaaniin osoo hin taane qabxii galmeessaniin kanneen filataman ta’uu ibsaniiru.
Aadde Adaanach barattoota guutuu biyyattiitti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhataa jiran hundaaf carraa gaarii hawwuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Magaalaa Finfinneetti Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa buufataalee 41 irratti laatamaa jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment