Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)-Kantiibaan magaalaa Finfinnee fi hoggantoonni olaanoon magaalichaa oomishtootaafi oomishtummaa jajjabeessuuf Waldaa dhuunfaa itti gaafatamummaansaa murtaa’e “Muyaa Ityoophiyaa” daawwatan.
Waldichi bu’aa hojiilee supheefi uffata aadaa gara biyya alaatti kan ergu yoo ta’u, ogeeyyii ogummaa harkaa hedduuf carraa hojii uumuurra darbee sharafa alaa biyyattiif argamsiisuu ibsameera.
Bulchiinsi magaalichaa hojiilee ogummaa harkaa kan jajjabeessuufi deeggaru ta’uu aadde Adaanach daawwannicharratti eeruu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.