Aadde Adaanach Abeebeen Sheedootaa fi lafa qonna magaalaaf oolu dargaggootaaf dabarsan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) –Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti Sheedootaa 63 fi lafa qonna magaalaaf oolu 271 dargaggootaaf dabarsaniiru.

Aadde Adaanach qajeelfama sirna gurmaa’iinsa filatamaa fi ummata filate waliin wal arguu hojiitti hiikuu ifatti eegalchiisaniiru.

Haaluma kanaan Aadde Adaanach dabalatee filatamtoonni kutaa magaalichaa bakka buutoota ummataa waliin wal arganiiru.

Akkuma duula birmadummaarratti tokkummaan hirmaachuun injifannoo boonsaa galmeessine hojiilee misoomarrattis dabaluun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu qabna jedhan Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Ummata nu filate waliin mari’achaa hojjechuutu nurraa eeggama jechuun ibsaniiru.

Haaluma ummataaf waadaa galleen hawaasa bakka nu buufate waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waadaa seenne kabajuun hojiitti galleerra jedhan.

Sirna kanarratti Sheedoota iddoo daldalaaf tajaajilaan 63 fi iddoolee qonna magaalaaf oolan 271 dargaggootaaf dabarsaniiru.

Akkasumas kutaalee hawaasaa harka qalleeyyiif deeggarsa taasiisaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment