Aadde Adaanach Abeebeen Piroojektii riqicha Impeeriyaal daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 4, 2015(FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen sadarkaa ijaarsa Piroojektii riqicha ce’umsa daandii  Impeeriyaal daawwataniiru.

Aadde Adaanach ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, riqichawwan ce’umsa daandii ammayyaa 6 bulchiinsi magaalichaa bakkeewwan garaagaraatti Birrii biiliyoona 2.8 ijaarsisaa jiru keessaa riqichi ce’umsa daandii Impeeriyaal tokko ta’uufi sadarkaa ijaarsa isaa daawwachuu eeraniiru.

Piroojektichi muddama tiraafikaa bakkicha jiru hir’isuun yaa’iinsa tiraafikaa kan saffisiisuufi guddina magaalittiif gahee mataasaa kan ba’atu ta’uu ibsaniiru.

Piroojektichi yeroo gabaabaa keessatti xumuramee tajaajilaaf banaa kan ta’u ta’uus ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment