Finfinnee, Hagayya 13, 2014(FBC)- kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen kutaa magaalaa Qiirqoositti Piroojektoota Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 45 oliin ijaaraman eebbisiisaa jiru.
Piroojektoonni kunneen lammiilee kuma dhibba 2fi kuma 50 fayyadamoo kan taasisan yoo ta’u, lammiilee kuma 5 fi 983’f carraa hojii kan uuman ta’uu eerameera.
Piroojektoota kanneen keessaa giddugalli nyaataa fi leenjii ogummaa jireenyaa aanaa 5 keessatti ijaarame tokko ta’uu eerameera.
Giddugalichi lammiilee 500 guyyaatti si’a lama sooruu kan danda’udha jedhameera.
Kutaa magaalichaatti waliigala giddugalli nyaataafi lenjii ogummaa jireenyaa sadii lammiilee kuma 2 sooruu danda’an kan eebbifaman ta’uu ibsameera.
Giddugalichi dhaabbata gargaarsaa “Ityoo-Galf” jedhamuun ijaaramuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.